Yeroo bilbilaan nu waliin haasoftan, akka gaariitti isin tajaajiluuf, kaffaltii tokko malee gargaarsaaf nama afaan hiiku hanga bilbilnutti maaloo yeroo muraasaaf eegaa.
Hojjettoota ogeeyyii abukaatummaa fayyadamtootaa kanneen mirga ol’iyyannoo inshuraansii fayyaa keessan dabalatee mirga inshuraansii keessan hubachuuf isin gargaaruuf of kennan qabna, akkasumas gaaffii gosa inshuraansii hundaaf qabdan deebii kenna, kanneen akka:
- Kaffaltii sooramaa booda
- Konkolaataa
- Daldala
- Fayyaa
- Mana
- Lubbu
- Medicare
- Gosoota inshuraansii biroo
Akkasumas bakka bu’aan inshuraansii, ejensii, yookiin dhaabbati tokko kutaa Washington keessatti inshuraansii gurguruuf hayyama qabaachuu isaa mirkaneessuuf isin gargaaruu dandeenya.